Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Walgahiin Seattle Milkiifi injifannoon xumurame

Walgahiin Miseensotaa fi Hawaasa Oromoo Magaalaa Seattle milkiifi injifannoon xumurame.

Walgahii hawaasa Oromoo magaalaa Seattle Muddee 27, 2008 ayyaana WBO sababafachuun kabajame kan yoomiyyuu caalatti hawaasni naannoo magaalaa Seattle, Portland fi Vancouver jiraatan kan irratti argaman yoo tahu Miseensi GS ABO J. Odaa Xasee, Miseensi gammeeysi ABO J. Yaa'ii Melkaa, DT Kutaa ABO USA J. Dr. Juneidi Johar fi DT Kutaa ABO Canada J. Yaddi Abdishaku irratti argamuun haala qabatamaa yeroo fi walumaa galatti QBO ilaalchisee ibsa bal'aa kennuun gaaffii fi deebisaa hirmaatootaa haala qubsaan deebisani jiru.

Ibsa bal'aa jaallan keennameetti gammaduu dhan hirmaatootni imiimmaan buusan booha yaada isaanii kan ABO dhugaa kana malee hin jiru jechuu ummata hubachiisan. Hirmaatoota keessa jaarsi umriin isaani waggaa 70 mii ol tahu akka warri maqaa jijjiiramaan deeman isa dogooggorsiisuuf yaalan ibse, achuman jaallan ibsa qubsaa keennan harka fuudhe galatoomfate. Itti ansee akka warri cubbuu dhan deeman kun farra qabsoo ummata Oromo tahan imiimmaan harcaasa hirmaatoota hubachise jira.

Hirmaatoonni walgahii kana irratti argamaniis, hamilee guutuun ABO fi Qabsoo Biliosummaa cinaa ammas fulduraas dhaabbachuu isaanii mirkaneessuu qofa osoo hin tahiin WBO yoomiyyuu caalatti tin'isuuf of qusannaan maletti gumaachanii jiru.

Walgahii s'aa 5 ol fixe kanan boodaas halkan WBO irratti walistoonni Oromoo Dawite Mekonen, Shole Tafarraa, Mahdi Sheeka, fi Jamal Ibro irratti argamuun ummata bohaarsani jiru. Galgaluma WBO kana irratiis alaabaa Oromoo kan kaa'ima ganna 11 tiin muka irratti tolfame caalbaasiif dhihaatee horii guddaan gurguramuun, qophiin kun akkuma jalqabametti milkii fi injifannoo akka xumuramu taasisee jira.

Injifannoo Ummata Oromoo!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!



Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net